Seenaa Dhaloota Oromoo

Barruun Seenaa Dhaloota Oromoo jedhuu kunii seenaa jabaa fi guddinaa saba Oromoo agarsiisuu dha. Qalloo kan dhugaa maal akka fakkaatu ifatti bahee barreeffamee dhaloota amma jiruuf dhihaatee, dhaloota dhufuuf taauu qabaachuu fi ilmaan isaa eessaa fi maal akka fakkaatan seenaa fi aadaa ittiin beeksisuuf yeroodhaan hidhata qaban mul’isuun barbaachisaa dha. Oromoon keessatti iddoon kam akka isaaniin malu waan jedhuun walqabatee dhalootaa fi aadaan Oromoo maal akka ta’e faana walqabatee, seenaa fi aadaa isaanii beeksisuu irratti xiyyeeffachuun dirqama ta’e. Fi ilmaan saba Oromoo mara beeksisuun dirgama ta’ee waan mul’ateef, kunis seenaa fi aadaan Oromoo akkamitti jiraachuu fi dhangala’oo ta’een dhiyeessuu irratti dirqama biyyattiin qabuudha. Barruun kun kan qophaa’ce dhihaateedha, kanaaf jecha, barreessaan barruu kanaa seenaa fi aadaa Oromoo bal’inaan ibsuu fi hubannoo gabbisuuf tattaaffii godhaa jira.

Oromoo people image

Seenaa Dhaloota Oromoo

BOQONNAA TOKKO Seenaa Dhaloota Oromoo.

Ummanni Oromoo hortee. Kuushii jedhamee beekkamuufi bara durii jalgabee Baha ykn. Gaafa Afrikaafi Kaaba Baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaa akka tae seenaan ni mirkaneessa. Ummanni Oromoo seenaa fi aadaa qabeessa qaba, akkasumas mooraa fi hawaasummaa kan of danda’eedha. Kutaa barruu kana jalattis dhimm kana gadii faggenyaan xinxalaa, kanaafis odeeffannoo dabalataa fi qabatamaa dhiyeessuuf carraaqqiin keenya ni cimee jira. Barsiisotaafi qorattoonni seenaa Oromoo xiyyeeffannaa waliin kennaa jiru, sababa kanaan hubannoon keenya gara bal’inaatti ni fida.

1.1.  Oromoo fi Oromiyaan Seenaa Dhaloota Oromoo kessattii

Seenaa oromoo kessattii Ummanni. Oromoo hortee Kuushii jedhamee beekkamuufi bara durii jalgabee Baha ykn. Gaafa Afrikaafi Kaaba Baha. Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaa akka tae seenaan ni mirkaneessa. Ummanni Oromoo Gaafa Afrikaa keessa jiraataa jiru kuniis bara durii kaasee kan   jiraataa turee fi arraas jiraachaa jiruudha. Ummanni kun sosochii jaarsa ummata biyya teenyaa. Keessatti bara durii kaasee gahee bakka bu’insa hin gabne bahaa ture. Ummanni Oromoo Gaafa Afrikaa keessa waggoota kuma baayeedhaaf jiraachaa akka ture barreessitoonni seenaa hedduun ragaa bahanii jiru.

Seenaa Dhaloota Oromoo

Barruleen gama kanaan Seenaa Gama kanaa irratti maal jedhuu

Fakkeenyaaf, Alamaayyoo Hayileefi kanneen biroo kitaaba. “ History   Of The Oromo To Sixteenth Century” jedhu irratti waahee kana akkana jechuun ibsanii jiru.

“Many historical documents testify that the population of the country are indigenous Population. From among the indigenous of population of the country. Accordingly Those who had  living 8000 years ago on the Eastern parts of Africa were the Cush people. Indeed As linguistic evidences testfy, the ancient Cushitic language had been divided into four branches  starting 5000 B.C. One among the four is the eastern branch of Cush. In about 3,500 B.C.  10 2,000 B.C, the eastern Cush in its turn was divided among the population groups who  had developed their own language. Thus, the the origin of the Oromo Population is from the eastern Cushitic branch. The Oromo Population as members of the Cushitic family had started to live in northeastern parts of Africa from 3,500 B.C. TO 2,000 B.C. with its own culture and language.”

Seenaa Dhaloota Oromoo ilaalchisee Yaada Barruu kanaa

Yaada barreeffama kanaa gabaabinaan yoo ilalle, akka ragaaleen seenaa barreeffamanii jiran   baay’een ummatoonni biyya kanaa ummata hortee durii as jiraachaa tureedha.

Ummata kanneen keessaa kan waggoota kuma 8000 dura gara Afrikaa Bahaa kana keessaa   jiraachaa turan keessaa tokko ummata hortee Kuush keessaa tokkoodha. Akka ragaan   xiingoogaa ibsutti, DH.K.D bara 5000 irraa eegalee afoononni damee Kuushitik durii dameelee   gurguddoo afuritti kan qoodamuudha. Dameelee afran kana keessaa tokko damee Kuush   Bahaati. Ummanni kunneeniis afaan ofii isaanii itti fayyadamuun guddisaa kan turanidha,   Ummanni Oromoos damee ummata Kuush Bahaa kana keessaa tokko kan ta’ee fi DH.K.D   waggoota kuma hedduu dura eegalee kaaba Baha Afrikaa kana keessa afaanii fi aadaa isaanii guddifachaa jiraachaa akka turan kan ibsuudha.

Agarsiistuu Seenaa

Ragaan seenaa kun kan agarsiisu ummanni Oromoo ummata hortee kuush keessaa tokko ta’ee   durii kaasee kaaba Baha Afrikaa keessa jiraachaa akka turaniidha. Kun dhugaa hin haalamne   akka ta’e ragaaleen baay’een ni mirkaneessu. Haata’uu malee, warri beekaa seenaa. Oromoo   jallisanii akka ofii fedhanitti barreessaa turan ummata. Oromoo hundeen isaa Afrikaa kanaan ala akka ta’eetti kan barreessaa turan niru. Alamaayyoo Haylieekitaaba “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20″ jedhu irratti yaada kana akkana jechuun ibsee jira. Barreeffamoonni seenaa fi xiinhawaasaa ilaalcha Seemitikiin faalaman ragaa sobaa dhiheessu hundee Ummata Oromoo Afrikaa ala taasisu. llaalchi kun barreessitoota Habashaafi deeggartoota isaaniitiin waggoota dheeraaf irra deddeebi’amee calagqiseera.

Shora Barruu Abbaa Bahiree Qophessa

Kana keessatti barreeffamni Abbaa Baahiree (bara 1593) shoora guddaa qaba. Duula buttaa Oromoon jaarraa 16ffaa irraa eegalee Madda Walaabuutii gara kallattii adda addaatti taasise barreeffama Abbaa Baahiree raga taasisuun biyya Oromoo ltoophiyaa ala Yookaan Kibba Itoophiyaatti gadi butu. Imaammata “Sobni yoo irra deddeebi’ame dhugaa ta’a” jedhu qabatanii barreeffama Abbaa Baahiree keessaa jecha “Galaana Gama” jedhu qofa luqgisanii fudhachuun akka Oromoon bahar gamaa dhufe fakkeessani barreessaniiru.

Golabbii kutaa kanaa

Kanarraa kan hubannu warri seenaa Oromoo akka ofii fedhanitti jallisanii barreessaa turan   ragaalee sobaa irra daddeebi’anii bareessaa akka turaniidha. Kuniis itti yaadamee kan   godhame akka ta’e kan nama agarsiisuudha. Isaan akka fedhii isaaniitt jallisanii seenaa sobaa   barreessaniis ummanni Oromoo hortee Kuush keessaa tokko ta’ee kaaba Baha Afrikaa kana   keessa waggoota kuma baay’een dura jiraachaa akka ture warri seenaa dhugaa lafa kaahaniis baay’eetu jira kanaaf dhaloonni ammaa seenaa dhugaa kana beekee karaa adda addaatin dhaloota dhufuuf dabarsuun baay’ee barbaachisaadha. Haaluma kanaan Oromtichi ilmaan   dhiiraa lama kan qabu yoo ta’uu isaaniis Booranaa fi Bareentoo dha. Isaan lamaanuu hortee mataa isaanii kan gabaniidha. Barrun Seenaa Dhaloota Oromoo kunii ittii fufaa

Barreffama dabalataa

  1. Firstly Seenaa Qarominaa fi Gudina Ummata Oromo
  2. Secondly Alamaayyoo Hayileefi . “ History   Of The Oromo To Sixteenth Century
  3. Thirdly
  4. Fourthly