Seenaa Qarominaa fi Gudina Ummata Oromo

Seenaa Qarominaa fi Gudina Ummata Oromo.

Kutaa Tokkoffaa

Seenaa Qarominaafii Guddinna Ummata Oromo Wallo, Raayyaafi Yeejjuu. (1769-1855)! Kutaa Afraffaa.-~~~~~~~~~~~<

Seenaa Qarominaa fi Gudina Ummata Oromo.

Seenaa Ka’umsaafii Guddina Mootummaa Oromo Walloo! Kutaa 4ffaa.”Dhuma (kufaatii) waa hunda duba ka’umsa wayitu jalqaba!”================

Yommu jalqabnuu…

Seenaa hundeffama Mootummaa Ummata Oromo Walloo kessatti tarkaanfiin Wirtuu siyaasaa abbootii waraanaa Warra Qaalluutin iddoo Gorfaa jedhamee bekamutti dhaabuf godhamee akka tarkaanfii jalqabaa Mootummaa cimaa ta’e kana bu’uressuf rawwatameetti fudhatama. Wirtun Warra Qallun dhaabatee kun dhawaataan gara lixaatti socho’un Garfaa irratti Qacee Mammadochii Warra Heebanottii gurmessee. Namnii Godaanaa Baaboo jedhamuu bu’uressaa Mootummaa Mahammadochi tau isaanitu himama. Erga bu’ureffamni kun raawwatamen boda namni maqaan isaa “Arboch” jedhamuu sanyii Godaanaa Baaboo irraa kan turan mootummaa Walloo sanyi Mahammadochitin hogganamu hundessu isaanii seenaan ni hima.

Hundeffamuun Motii Mootummaa Walloo

kana irraa kaun motummaan Wallo mootummaa islaamaa Yifaat walin walitti hidhaminsa cimaan akka fakkenyaattii fudhachudhaan hundeffamuun himama. Kana jechunis Motummaan Walloo warra Heebanootin hundeffamee kuni hambaa Mootummaa Ifaat irraa ka’ee boda 1700 kessaatti cimee kan bahee taunis manguddoota Ummata Oromoo Wallootin ni himama. Motummaan Walloo kuni hanga bara 1916tti angoo qabatee kan turee yommu tau dhummarrattii Lij Iyyasuufii abbaa isaa Nigus Mikael Ali (Muhamed Ali) sadarkaa mootii biyyaa qabatus hala nama gaddisisun shira dinaatiin Lij Iyyasuun angorraa buufamufi ajjefamuu isaanitin kufaatiin motummaa kanaa rawwatamee.

Seenaa Mootii Bekkamaa Motummaa Walloo

Mootummaa Walloo kessattii mootiin bekkamaan Abbaa Waraanaa Muhammad Abbaa Jabboo yommuu ta’an bara 1780 mota kessattii qabenyaafii cimminna isaanii daran guddifachun himama. Mootin kun wirtuu warra hebanoo yommu ta’an guddina nagenyaafii jirenya oromo wallotif hojii guddaa hojjechuu isanitiif seenaan isaan yadata. Mootii bekkamaa kana irraa ansee Imaammonnii Amadee Kolaaseefi Liban Abbaa Jirrus seenaa Ummata Wallo kessatti yaadatamaa jiraatuu.Jarren kun tokkummaa Ummata Oromoo Walloo cimsuun guddina ummata kanaatif hojii raawwatanif hogguu yaadatamaa jiraatuu.Bulchaan warra Hebanoo kan turan Amadee Kolaasee bara 1815ttii du’u isaanitin Ilmi isaanii Liban Abbaa Jirruu angoo isaanii dhaalun isaanii ni himama. Imaamni kun bara 1815-1825 yommuu motummaa walloo bulchan dinnii fincila guddaa isan irrattii geggessun akka humnii motummaa kanaa laaffatuf daran irratti hojetama ture.Ittii fufaa.

.~~~~~~~~kutaan-itti-anuu~~~~~~~~~~~:-

Seenaa Liban Abbaa jaboofii maatiin isaanii.:- ijollee afran Liban kessaa seenaa Halima walin walqabatee akkamitti fi maalif itege Manan jedhamun mogafamuu akka dandessee.:- seenaa ijollee afran imaama kana mal akka fakkaatuu:- seenaa mootiin Oroomoo Walloo imamotaafi motota kanaan Gondor haala itti bulchaa turan:-Seenaa Kaumsa Mootii Tewodrositifii laaffachuun Mootii Oromoota Walloo midhaan Ummata Oromoo Walloo irrattii geesisee haammam hanga tae. Isinin gahuf waadaa galaa kutaa kana raawwanna.

Barreffama kanaaf Jal Hasen Hassen ittii gaafatamummaa gutu ni fudhatani.Fakkiwwan (pictures) barreffama kana walin maxansinee maraayyuu fula kitaabaa (FB acount) #@Oromo_Graphya irraa kan arganneedhaa. ——->>>>>

galmaahaaMy account

Kitaabota wabii ta’an.<<<<<——–

  1. Alamayoo Hayile fi garee qoannaa isaa. “Seenaa Oromoo Jaarraa 16ffaa dura!” Bolee printing: published.
  2. Alamayo Hayilefi garee qoannaa isaa: “Seenaa Oromoo Hanga 20ffaatti!.” Boolee printing. Published.
  3. Alemayyew Kumsa. “The Coflict Between the Ethiopia and the Oromo People;’ ECAS Charles University Press; published.
  4. Dr. Negaso gidaadaa; “A History of the sayo Oromo” mega printing publication; published
  5. Harold G. Marcus: “a History of Ethiopia” California University Press. Published.6.
  6. Hiroki Ishikuwa; “Northern Ethiopian Historiography duringthe Second Half of the Solomonic Period (1540-1769)” Tokyo University of foreign history publication: published.7.
  7. Prof. Muhamed Hasen; “The Oromo of ethiopia: A History 1570-1860!”. Published8.
  8. Prof. Muhamed Hasen; “The Oromo and The Christian highland Kingdom: 1300-1700” published.9.
  9. Prof. Muhamed Hasen; “A short History Of Oromo Colonial Experience.” Journal of Oromo Studies volume 6 No. 1; published10.
  10. Trimingaham: “Islam In Ethiopia.” Published.11.
  11. ጌታቸዉ ሃይሌ፤ የአባ ባህርይ ድርሰቶች፤ ኦሮሞዎችን ከሚመለከቱ ሌሎች ድርሰቶች Avon Minnesota publication; published.12.
  12. ባህሩ ዘዉዴ፤ የኢትዪጵያ ታሪክ ከአፄ ልብነድንግል እስከ አፄቴወድሮስ መባቻ.” Hailesilasei I Mega printing publication; Published13.
  13. ታቦር ዋሚ: “የውገና ድርሰቶች!” Megaa publisher: Published:14.
  14. አህመዲን ጀበል:- “የኢትይጵያ ሙስሊሞች የጭቆናና የትግል ታሪክ ቅፅ 1″ Published